LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Keessa Deebii 13:6-9
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 6 “Obboleessi kee inni haadha tee irraa dhalate yookiin ilmi kee yookiin intalli tee yookiin haati manaa tee ishiin jallatamtuun yookiin michuun kee inni sitti dhihaatu,* ‘Dhaqnee waaqolii kan biroo haa tajaajillu’ jedhee dhoksaatti si sossobuuf yoo yaale,+ waaqoliin kun immoo atis taate abbootiin kee kan hin beekne yoo taʼan, 7 akkasumas waaqolii saboota naannoo keessanii warra isinitti dhihoos taʼe isin irraa fagoo jiranii, fiixee biyyattii isa tokkoo hamma fiixee biyyattii isa kaanitti argamanii yoo taʼan, 8 tole isaaf hin jedhin yookiin isa hin dhagaʼin;+ isaaf hin gaddin yookiin garaa isaaf hin laafin yookiin eegumsa isaaf hin godhin; 9 kanaa mannaa, mamii tokko malee isa ajjeesi.+ Isa ajjeesuuf jalqaba harki kee isa irratti haa kaʼu; sana booda immoo harki namoota hundumaa isa irratti haa kaʼu.+

  • Keessa Deebii 32:17
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 17 Isaan Waaqayyoof utuu hin taʼin jinniiwwaniif,+

      Waaqolii kanaan dura hin beekneef,

      Warra dhiheenyatti dhufaniif,

      Waaqolii abbootiin keessan hin beekneef aarsaa ni dhiheessu turan.

  • Ermiyaas 19:4
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 4 Kun kan taʼes, isaan waan na dhiisanii+ fi iddoon kun kan hin hubatamne akka taʼu waan godhaniifi.+ Isaan achi keessatti waaqolii kan biroo warra isaanis taʼan abbootiin isaanii, akkasumas mootonni Yihudaa hin beekneef aarsaa dhiheessaa jiru; iddoo kanas dhiiga namoota balleessaa hin qabneetiin guutaniiru.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi