LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • 2 Mootota 21:16
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 16 Minaaseen, Yihudaan wanta Yihowaa duratti hamaa taʼe raawwatee cubbuu akka hojjetu gochuudhaan cubbuu hojjeteen alattis, Yerusaalem fiixee gar tokkoo jalqabee hamma fiixee gara isa kaaniitti dhiigaan hamma guutamtutti, dhiiga namoota qulqulluu hedduu dhangalaaseera.+

  • Isaayyaas 59:7
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    •  7 Miilli isaanii hammina raawwachuutti fiiga,

      Isaan dhiiga qulqulluu dhangalaasuuf ariifatu.+

      Yaanni isaanii kan nama miidhu dha;

      Badiisnii fi gadadoon daandii isaanii irra jira.+

  • Ermiyaas 2:34
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 34 Uffanni kee dhiiga namoota hiyyeeyyii* balleessaa hin qabneetiin xuraaʼeera;+

      Yommuu isaan mana kee cabsanii seenan kanan hin argine taʼus,

      Dhiiga isaanii uffata kee hundumaa irratti argaan jira.+

  • Faaruu Ermiyaas 4:13
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 13 Kunis kan taʼe, cubbuu raajotaa fi balleessaa luboota ishii+

      Warra ishii keessatti dhiiga qajeelotaa dhangalaasan sanaatiin kan kaʼe dha.+

  • Maatewos 23:34, 35
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 34 Kanaan kan kaʼes, ani raajota,+ namoota ogeeyyii fi barsiisota sabaa+ isinitti nan erga. Isinis isaan keessaa tokko tokko ni ajjeestu,+ tokko tokko muka irratti fannistu, tokko tokko immoo manneen sagadaa keessan keessatti garaftu,+ akkasumas magaalaa isa tokkoo gara magaalaa isa kan biraatti ariʼattu;+ 35 kanaafuu, dhiiga Abeel nama qajeelaa+ sana irraa jalqabee hamma dhiiga Zakkaariyaas ilma Baaraakiyaa, isa mana qulqullummaa fi iddoo aarsaa gidduutti+ ajjeestaniitti, dhiiga namoota qajeeloo lafa irratti dhangalaʼe hundumaatiif itti gaafatamtu.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi