Ermiyaas 5:31 Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa 31 Raajonni raajii sobaa dubbatu,+Luboonnis aangoo isaaniitiin warra kaan hacuucu. Sabni koos kanatti ni gammada.+ Haa taʼu malee, yommuu dhumni dhufu maal gootu laata?” Ermiyaas 14:14 Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa 14 Achiis Yihowaan akkana naan jedhe: “Raajonni maqaa kootiin raajii sobaa dubbachaa jiru.+ Ani isaan hin ergine yookiin isaan hin ajajne yookiin isaanitti hin dubbanne.+ Raajiin isinitti dubbachaa jiran mulʼata sobaa, hooda gatii hin qabnee fi gowwoomsaa garaa isaanii keessaa maddu dha.+ Miikiyaas 3:11 Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa 11 Geggeessitoonni* ishii mattaʼaadhaan murtii kennu,+Luboonni ishii gatiidhaan barsiisu,+Raajonni ishiis maallaqaan* hooda dubbatu.+ Taʼus, “Yihowaan nuu wajjin jira mitii?+ Badiisni nutti hin dhufu”+ Jedhanii Yihowaatti amanamu.* Sefaaniyaa 3:4 Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa 4 Raajonni ishii addaggee fi gantoota dha.+ Luboonni ishii wanta qulqulluu taʼe ni xureessu;+Isaan seericha ni cabsu.+
31 Raajonni raajii sobaa dubbatu,+Luboonnis aangoo isaaniitiin warra kaan hacuucu. Sabni koos kanatti ni gammada.+ Haa taʼu malee, yommuu dhumni dhufu maal gootu laata?”
14 Achiis Yihowaan akkana naan jedhe: “Raajonni maqaa kootiin raajii sobaa dubbachaa jiru.+ Ani isaan hin ergine yookiin isaan hin ajajne yookiin isaanitti hin dubbanne.+ Raajiin isinitti dubbachaa jiran mulʼata sobaa, hooda gatii hin qabnee fi gowwoomsaa garaa isaanii keessaa maddu dha.+
11 Geggeessitoonni* ishii mattaʼaadhaan murtii kennu,+Luboonni ishii gatiidhaan barsiisu,+Raajonni ishiis maallaqaan* hooda dubbatu.+ Taʼus, “Yihowaan nuu wajjin jira mitii?+ Badiisni nutti hin dhufu”+ Jedhanii Yihowaatti amanamu.*
4 Raajonni ishii addaggee fi gantoota dha.+ Luboonni ishii wanta qulqulluu taʼe ni xureessu;+Isaan seericha ni cabsu.+