-
2 Seenaa Baraa 24:20-22Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
20 Hafuurri Waaqayyoo Zakkaariyaas ilma Yehoyaadaa+ lubichaa irra ni buʼe;* innis sabicha dura iddoo ol kaʼaa taʼe irra dhaabbatee, “Waaqni dhugaan akkana jedha: ‘Ajajawwan Yihowaa kan cabsitan maaliifi? Isin milkaaʼina hin argattan! Yihowaa waan dhiistaniif, innis isin ni dhiisa’”+ isaaniin jedhe. 21 Isaan garuu isa irratti mariʼatanii+ ajaja mootichaatiin mooraa mana Yihowaa keessatti dhagaadhaan tumanii isa ajjeesan.+ 22 Yoʼaas Mootichi jaalala amanamaa abbaan isaa* Yehoyaadaan isatti argisiise ni irraanfate; ilma isaas ni ajjeese; innis yommuu duʼuuf jedhutti, “Yihowaan kana haa ilaalu; akka hojii keettis siif haa deebisu” jedhe.+
-