LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • 1 Mootota 9:8, 9
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 8 Manni kunis tuullaa diiggaa ni taʼa.+ Namoonni achiin darban hundis ajaaʼibsiifatanii ilaaluudhaan siiqsanii, ‘Yihowaan biyya kanaa fi mana kana irratti akkana kan godhe maaliifi?’+ jedhu. 9 Achiis, ‘Isaan Waaqa isaanii Yihowaa isa abbootii isaanii biyya Gibxiitii baase dhiisanii waaqolii kan birootti waan goraniif, waan isaaniif sagadanii fi waan isaan tajaajilaniifi. Yihowaan rakkina kana hundumaa kan isaanitti fide kanaafi’ jedhu.”+

  • Faaruu Ermiyaas 2:15
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 15 Warri karicha irra darban hundi qoosaadhaan harka isaanii si irratti walitti rurrukutu.+

      Isaan intala Yerusaalem irratti ajaaʼibsiifannaadhaan siiqsaa+ fi mataa isaanii raasaa,

      “Kun magaalaa isaan waaʼee ishii, ‘Ishiin bareedduu mudaa hin qabnee fi gammachuu guutummaa lafaa ti’+ jedhan sana mitii?” jedhu.

  • Hisqiʼel 33:29
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 29 Wantoota jibbisiisoo isaan raawwatan hundumaatiin kan kaʼe+ yommuun biyyattii guutummaatti ona godhutti+ isaan ani Yihowaa taʼuu koo dhugumaan ni hubatu.”’

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi