-
Ermiyaas 50:44-46Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
44 “Kunoo, qaamni tokko akka leenca tusii gobbuu Yordaanos bira jiru keessaa baʼuutti iddoo dheedichaa amansiisaa taʼe kanatti ni dhufa; ani garuu yeruma sana ishii irraa akka baqatan nan godha. Isa filatame sanas ishii irratti nan muuda.+ Kan akka kootii eenyu? Kan na mormu hoo eenyu? Tikseen na dura dhaabbachuu dandaʼu isa kami?+ 45 Kanaafuu, yaa namootaa, murtoo Yihowaan Baabilon irratti dabarsee+ fi wanta inni biyya Kaladootaa irratti fiduu yaade dhagaʼaa.
Ilmooleen bushaayee sanaa harkifamanii fudhatamuun isaanii hin oolu.
Inni isaaniin kan kaʼe iddoo jireenyaa isaanii ona ni godha.+
46 Sagalee yommuu Baabilon qabamtu dhagaʼamuun kan kaʼe lafti ni kirkirti,
Saboota gidduuttis iyyi ni dhagaʼama.”+
-