LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Isaayyaas 48:20
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 20 Baabilon keessaa baʼaa!+

      Kaladoota jalaas baqadhaa!

      Ililchuudhaan kana beeksisaa! Labsaa!+

      Hamma andaara lafaatti beeksisaa.+

      Akkana jedhaa: “Yihowaan tajaajilaa isaa Yaaqoobiin fureera.+

  • Ermiyaas 51:6
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    •  6 Baabilon gidduudhaa baqadhaa,

      Lubbuu keessanis oolfadhaa.+

      Balleessaa ishiitiin kan kaʼe hin dhuminaa.

      Sababiin isaas, yeroon kun yeroo Yihowaan haaloo itti baʼu dha.

      Inni wanta ishiin raawwatteef gatii ishii ishiidhaaf ni deebisa.+

  • Ermiyaas 51:45
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 45 Yaa saba koo, ishii gidduudhaa baʼaa!+

      Dheekkamsa Yihowaa isa bobaʼu jalaas+ lubbuu keessan oolfadhaa!+

  • Zakkaariyaas 2:7
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 7 “Yaa Xiyoon ishii intala Baabilonii wajjin jiraattu nana, miliqii kottu.+

  • 2 Qorontos 6:17
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 17 “‘Kanaafuu, isaan gidduudhaa baʼaa, adda of baasaa’ jedha Yihowaan,* ‘wanta xuraaʼaa hin tuqinaa’”;+ “‘anis isin nan simadha.’”+

  • Mulʼata 18:2
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 2 Innis sagalee guddaadhaan akkana jedhee iyye: “Kufteetti! Baabilon Guddittiin kufteetti;+ ishiin bakka jinniiwwan jiraatan, bakka hafuuronni xuraaʼoon hundi, simbirroonni xuraaʼoonii fi jibbisiisoon hundi keessa jiraatan taateetti!+

  • Mulʼata 18:4
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 4 Sagalee kan biraanis samii keessaa yommuu akkana jedhu nan dhagaʼe: “Yaa saba koo, cubbuu ishii irratti akka hin hirmaannee fi dhaʼichi ishiitti dhufu akka isin irra hin geenyeef+ ishii keessaa baʼaa.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi