LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Ermiyaas 14:13
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 13 Anis yeroo kanatti akkana nan jedhe: “Yaa Yihowaa Gooftaa Ol Aanaa, wayyoo! Kunoo, raajonni, ‘Isin goraadee hin argitan; beellis isinitti hin dhufu; kanaa mannaa, iddoo kanatti nagaa dhugaa isiniif nan kenna’ isaaniin jechaa jiru.”+

  • Ermiyaas 23:16, 17
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 16 Yihowaan Gooftaan Raayyaa akkana jedha:

      “Dubbii raajota warra raajii isinitti dubbatan sanaa hin dhagaʼinaa.+

      Isaan isin gowwoomsaa* jiru.

      Mulʼanni isaan dubbatan, garaa isaanii keessaa kan madde dha malee,+

      Afaan Yihowaa keessaa kan baʼe miti.+

      17 Isaan warra na tuffataniin irra deddeebiʼanii,

      ‘Yihowaan, “Nagaa ni argattu” jedheera’ jedhu.+

      Nama garaa isaa isa didaa taʼe duukaa buʼu hundumaatiinis,

      ‘Badiisni isin irra hin gaʼu’ jedhu.+

  • Hisqiʼel 13:10
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 10 Kun hundi kan taʼu, utuu nagaan hin jiraatin, “Nagaa dha!” jedhanii saba koo karaa irraa waan jalʼisaniifi.+ Yommuu girgiddaan humna hin qabne ijaaramutti, isaan immoo nooraa ni dibu.’*+

  • 1 Tasalonqee 5:3
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 3 Yeroo isaan, “Nagaa dha, tasgabbii dhas!” jedhan, yeroo sanatti akkuma ciniinsuun dubartii ulfaa qabu, badiisni tasaa yeruma sana isaan irra gaʼa;+ isaan matumaa jalaa hin miliqan.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi