-
Ermiyaas 6:13, 14Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
13 “Isa xinnaadhaa hamma isa guddaatti, tokkoon tokkoon isaanii buʼaa sirrii hin taane argachuuf yaalu;+
Raajicha irraa hamma lubichaatti, tokkoon tokkoon isaanii gowwoomsaa raawwatu.+
14 Isaan utuu nagaan hin jiraatin,
‘Nagaa dha! Nagaa dha!’ jechaa,+
Caba saba kootii irruma keessa walʼaanuuf yaalii godhu.
-
-
Ermiyaas 23:16, 17Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
16 Yihowaan Gooftaan Raayyaa akkana jedha:
“Dubbii raajota warra raajii isinitti dubbatan sanaa hin dhagaʼinaa.+
Isaan isin gowwoomsaa* jiru.
Mulʼanni isaan dubbatan, garaa isaanii keessaa kan madde dha malee,+
Afaan Yihowaa keessaa kan baʼe miti.+
17 Isaan warra na tuffataniin irra deddeebiʼanii,
‘Yihowaan, “Nagaa ni argattu” jedheera’ jedhu.+
Nama garaa isaa isa didaa taʼe duukaa buʼu hundumaatiinis,
‘Badiisni isin irra hin gaʼu’ jedhu.+
-
-
Ermiyaas 27:8-10Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
8 “‘“‘Sabni yookiin mootummaan kam iyyuu Nebukadnezaar mootii Baabiloniin tajaajiluu fi morma isaa waanjoo mootii Baabilon jala galchuu yoo dide, ani hamman harka isaatiin isaan fixutti saba sana goraadeedhaan, beelaa fi golfaadhaan* nan adaba’+ jedha Yihowaan.
9 “‘“‘Kanaafuu, raajota keessan, warra hooda isiniif dubbatan, warra abjuu isiniif abjuʼatan, warra falfala isiniif raawwatanii fi warra milkii isiniif ilaalan warra, “Isin mootii Baabiloniin hin tajaajiltan” isiniin jedhan sana hin dhagaʼinaa. 10 Sababiin isaas, isaan raajii sobaa isinitti dubbachaa jiru; yoo isaan dhageessan biyya keessan irraa gara bakka fagootti ni geeffamtu; ani isin nan bittinneessa, isinis ni baddu.
-