15 Ani sii wajjinan jira; bakka dhaqxu hundumaattis sin eega; gara biyya kanaattis sin deebisa.+ Waadaan siif gale hamman raawwadhutti si hin dhiisu.”+
12 Innis akkana isaan jedhe: “Ani sii wajjin nan taʼa;+ mallattoon kan si erge ana taʼuu koo argisiisu kana dha: Ati sabicha biyya Gibxii keessaa erga baastee booda, isin gaara kana irratti Waaqa dhugaa ni tajaajiltu.”*+
5 Lubbuudhaan hamma jirtutti eenyu iyyuu si dura dhaabbachuu hin dandaʼu.+ Akkuman Musee wajjin ture, sii wajjinis nan taʼa.+ Ani si hin dhiisu, si hin gatus.+