LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • 1 Mootota 9:8
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 8 Manni kunis tuullaa diiggaa ni taʼa.+ Namoonni achiin darban hundis ajaaʼibsiifatanii ilaaluudhaan siiqsanii, ‘Yihowaan biyya kanaa fi mana kana irratti akkana kan godhe maaliifi?’+ jedhu.

  • Ermiyaas 19:8
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 8 Magaalaan kunis bakka sodaachisaa fi kan itti siiqsamu akka taatu nan godha. Namni achiin darbu kam iyyuu naasuudhaan ni fajaja, dhaʼicha ishii hundumaatiin kan kaʼes ni siiqsa.+

  • Faaruu Ermiyaas 2:15
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 15 Warri karicha irra darban hundi qoosaadhaan harka isaanii si irratti walitti rurrukutu.+

      Isaan intala Yerusaalem irratti ajaaʼibsiifannaadhaan siiqsaa+ fi mataa isaanii raasaa,

      “Kun magaalaa isaan waaʼee ishii, ‘Ishiin bareedduu mudaa hin qabnee fi gammachuu guutummaa lafaa ti’+ jedhan sana mitii?” jedhu.

  • Miikiyaas 6:16
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 16 Sababiin isaas, ati dambiiwwan Omrii fi gocha mana Ahaab hundumaa ni hordofta,+

      Akka gorsa isaaniittis ni deddeebita.

      Ani, siin wanta sodaachisu,

      Jiraattota ishii immoo wanta itti siiqsamu kanan godhu kanaafi;+

      Ati qoosaa sabootaa ni baatta.”+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi