-
Ermiyaas 28:1, 2Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
28 Wagguma sanatti, jalqaba bulchiinsa Zedeeqiyaa+ mootii Yihudaatti, waggaa arfaffaatti, jiʼa shanaffaatti, Hanaaniyaan raajichi ilmi Azuur inni Gibeʼon+ irraa dhufe mana Yihowaa keessatti lubootaa fi guutummaa sabichaa duratti akkana naan jedhe: 2 “Waaqa Israaʼel kan taʼe Yihowaan Gooftaan Raayyaa akkana jedha: ‘Ani waanjoo mootii Baabilon nan cabsa.+
-
-
Ermiyaas 28:11Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
11 Achiis Hanaaniyaan guutummaa sabichaa duratti akkana jedhe: “Yihowaan akkana jedha: ‘Anis akkuma kanaatti waggaa lama gidduutti waanjoo Nebukadnezaar mootii Baabilon morma saboota hundumaa irraa nan cabsa.’”+ Ermiyaas raajichis karaa isaa qajeele.
-
-
Ermiyaas 37:19Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
19 Raajonni keessan warri, ‘Mootiin Baabilon isin irrattis taʼe biyya kana irratti hin dhufu’ jedhanii raajii isiniif dubbatan sun amma eessa jiru?+
-