-
Ermiyaas 14:13Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
13 Anis yeroo kanatti akkana nan jedhe: “Yaa Yihowaa Gooftaa Ol Aanaa, wayyoo! Kunoo, raajonni, ‘Isin goraadee hin argitan; beellis isinitti hin dhufu; kanaa mannaa, iddoo kanatti nagaa dhugaa isiniif nan kenna’ isaaniin jechaa jiru.”+
-
-
Ermiyaas 23:16, 17Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
16 Yihowaan Gooftaan Raayyaa akkana jedha:
“Dubbii raajota warra raajii isinitti dubbatan sanaa hin dhagaʼinaa.+
Isaan isin gowwoomsaa* jiru.
Mulʼanni isaan dubbatan, garaa isaanii keessaa kan madde dha malee,+
Afaan Yihowaa keessaa kan baʼe miti.+
17 Isaan warra na tuffataniin irra deddeebiʼanii,
‘Yihowaan, “Nagaa ni argattu” jedheera’ jedhu.+
Nama garaa isaa isa didaa taʼe duukaa buʼu hundumaatiinis,
‘Badiisni isin irra hin gaʼu’ jedhu.+
-
-
Ermiyaas 28:1, 2Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
28 Wagguma sanatti, jalqaba bulchiinsa Zedeeqiyaa+ mootii Yihudaatti, waggaa arfaffaatti, jiʼa shanaffaatti, Hanaaniyaan raajichi ilmi Azuur inni Gibeʼon+ irraa dhufe mana Yihowaa keessatti lubootaa fi guutummaa sabichaa duratti akkana naan jedhe: 2 “Waaqa Israaʼel kan taʼe Yihowaan Gooftaan Raayyaa akkana jedha: ‘Ani waanjoo mootii Baabilon nan cabsa.+
-