LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Isaayyaas 40:11
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 11 Inni akkuma tikseetti bushaayee isaa ni kunuunsa.*+

      Hoolota xobbaallaa irree isaatiin walitti ni qaba,

      Qoma isaattis isaan ni baata.

      Warra ilmoolee isaanii hoosisan suuta jedhee ni oofa.+

  • Hisqiʼel 34:11-13
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 11 “‘Sababiin isaas, Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha: “Kunoo, ani jira; anumti hoolota koo nan barbaada, nan kunuunsas.+ 12 Ani akkuma tiksee hoolota isaa warra bittinnaaʼan argatee sooraa jiruutti hoolota koo nan kunuunsa.+ Guyyaa duumessaa fi dukkana cimaatti+ bakka isaan itti bittinnaaʼan hundumaa keessaa isaan nan baasa. 13 Ani saboota keessaa isaan nan baasa; biyyoota keessaas walitti isaan nan qaba; achiis gara biyya isaaniitti isaan fidee gaarota Israaʼel irratti, lageen birattii fi iddoowwan jireenyaa biyyattii hundumaa biratti isaan nan soora.+

  • Miikiyaas 2:12
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 12 Yaa Yaaqoob, ani hunda keessan dhugumaan walitti nan qaba;

      Warra Israaʼel keessaa hafan dhugumaan walitti nan qaba.+

      Akkuma hoolota goorannoo keessa jiraniitti,

      Akkuma bushaayee kaloo isaanii irra jiraniitti walitti isaan qabee tokkummaa akka qabaatan nan godha;+

      Bakki sun waca namootaatiin ni guutama.’+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi