-
Hisqiʼel 34:11-13Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
11 “‘Sababiin isaas, Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha: “Kunoo, ani jira; anumti hoolota koo nan barbaada, nan kunuunsas.+ 12 Ani akkuma tiksee hoolota isaa warra bittinnaaʼan argatee sooraa jiruutti hoolota koo nan kunuunsa.+ Guyyaa duumessaa fi dukkana cimaatti+ bakka isaan itti bittinnaaʼan hundumaa keessaa isaan nan baasa. 13 Ani saboota keessaa isaan nan baasa; biyyoota keessaas walitti isaan nan qaba; achiis gara biyya isaaniitti isaan fidee gaarota Israaʼel irratti, lageen birattii fi iddoowwan jireenyaa biyyattii hundumaa biratti isaan nan soora.+
-
-
Miikiyaas 2:12Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
12 Yaa Yaaqoob, ani hunda keessan dhugumaan walitti nan qaba;
Warra Israaʼel keessaa hafan dhugumaan walitti nan qaba.+
-