-
1 Mootota 7:9-12Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
9 Kanneen kun hundi buʼuura isaaniitii jalqabee hamma demdemoo isaaniitti, alaan immoo hamma mooraa isa guddaatti,+ dhagoota gatii guddaa qaban+ warra keessaa fi alaan safaramanii, bocamanii fi magaazii dhagaatiin muramaniin kan ijaaraman turan. 10 Buʼuurri isaa dhagoota gatii guddaa qabanii fi baayʼee guguddaa taʼaniin kan kaaʼame ture; dhagoonni tokko tokko dhundhuma kudhan, dhagoonni tokko tokko immoo dhundhuma saddeet turan. 11 Isaan irras dhagoonni safaramanii bocamanii fi mukti gaattiraa jira ture. 12 Akkuma mooraa isa keessaa+ mana Yihowaa fi akkuma barandaa manichaatti,+ mooraan inni guddaanis dhagoota bocamanii tarree sadiin wal irra kaaʼamanii fi saanqaa gaattiraa tarree tokkoon kaaʼameen kan ijaarame ture.
-