2 Ani saba guddaa sin godha; sin eebbisa; maqaa kee guddaa nan godha; atis warra kaaniif eebba ni taata.+3 Warra si eebbisan nan eebbisa; isa si abaaru immoo nan abaara;+ maatiiwwan lafa irraa hundis dhugumaan karaa kee ni eebbifamu.”*+
12 Yihowaan waqtii isaatti biyya keetiif bokkaa kennuu fi wanta gootu hundumaa eebbisuuf, gootaraa isaa isa gaarii, jechuunis samii siif ni bana.+ Ati saboota hedduudhaaf ni liqeessita malee, hin liqeeffattu.+
13 Yaa mana Yihudaa fi mana Israaʼel, isin akkuma saboota gidduutti abaarsa taatanii turtan,+ amma ani isin nan oolcha, isinis eebba ni taatu.+ Hin sodaatinaa!+ Harka keessan jabeeffadhaa.’*+