-
Hisqiʼel 11:19, 20Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
19 Anis garaa tokko isaaniif nan kenna;+ hafuura haaraa isaan keessa nan kaaʼa;+ garaa dhagaa taʼe qaama isaanii keessaa baasee+ garaa foon taʼe* isaaniif nan kenna;+ 20 kanas kanan godhu, isaan akka dambiiwwan kootti akka deddeebiʼaniif, murtiiwwan koo akka eeganii fi isaaniif akka ajajamaniifi. Sana booda isaan saba koo ni taʼu, anis Waaqa isaanii nan taʼa.”’
-
-
Hisqiʼel 43:7Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
7 Innis akkana naan jedhe:
“Yaa ilma namaa, kun iddoo teessoo+ koo, iddoo faanni miila kootii dhaabbatu,+ iddoo ani bara baraaf saba Israaʼel gidduu itti jiraadhu dha.+ Manni Israaʼelis taʼan mootonni isaanii sagaagalummaa karaa hafuuraa raawwatanii fi reeffa mootota isaanii warra duʼaniitiin kana booda maqaa koo isa qulqulluu hin xureessan.+
-