7 Garaa ani Yihowaa taʼuu koo beekuu barbaadu isaaniif nan kenna.+ Garaa isaanii guutuudhaan gara kootti waan deebiʼaniif,+ isaan saba koo ni taʼu, anis Waaqa isaanii nan taʼa.+
33 “Guyyoota sana booda kakuun ani mana Israaʼelii wajjin galu isa kana. Ani seera koo isaan keessa nan kaaʼa,+ garaa isaanii keessattis nan barreessa.+ Ani Waaqa isaanii nan taʼa, isaanis saba koo ni taʼu” jedha Yihowaan.+