-
2 Mootota 19:17-19Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
17 Yaa Yihowaa, mootonni Asoor saboota kanaa fi biyyoota isaanii akka balleessan beekamaa dha.+ 18 Waaqolii isaaniis ibidda keessatti gataniiru; sababiin isaas, isaan mukaa fi dhagaa warra hojii harka namaa+ taʼan malee waaqolii hin turre.+ Isaan balleessuu kan dandaʼanis kanaafi. 19 Amma garuu yaa Waaqa keenya Yihowaa, mootummoonni lafa irraa hundi ati qofti Waaqa taʼuu kee akka beekaniif, maaloo yaa Yihowaa, harka isaa jalaa nu oolchi.”+
-