-
Hisqiʼel 38:4-6Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
4 Ani duubatti sin deebisa; mangaagaa keetti hookkoo kaaʼees+ raayyaa waraanaa kee hundumaa,+ jechuunis fardeenii fi abbootii fardeenii warra hundi isaanii uffata gaggaarii uffatan, yaaʼii balʼaa gaachanoota guguddaa fi gaachanoota xixinnoo* qabate taʼanii fi hundi isaanii iyyuu goraadeetti fayyadamuu dandaʼanii wajjin achi keessaa sin baasa; 5 Faarsi, Itoophiyaanii fi Puut+ warri hundi isaanii gaachana xixinnoo qabatanii fi baarmeexaa sibiilaa godhatan isaanii wajjin jiru; 6 Gomeerii fi loltoonni ishii hundi, andaara lafaa kaabaa irraas namoonni Togaarmaa+ fi loltoonni isaanii hundi, jechuunis namoonni hedduun sii wajjin jiru.+
-
-
Mulʼata 19:17, 18Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
17 Maleekaan tokkos aduu gidduu dhaabbatee nan arge, innis sagalee guddaadhaan allaattiiwwan samii walakkaa* barrisan hundumaan akkana jedhe: “Kottaa, irbaata Waaqayyoo isa guddaadhaaf walitti qabamaa;+ 18 foon moototaa, foon ajajjoota waraanaa, foon namoota jajjaboo,+ foon fardeenii fi warra isaan irra taaʼanii,+ foon hundumaa, jechuunis foon namoota bilisa taʼanii fi foon garbootaa, akkasumas foon warra xixinnaa fi foon warra guguddaa nyaadhaa.”
-