LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Lakkoofsa 16:39, 40
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 39 Kanaafuu, Eleʼazaar lubichi qodaawwan ibiddaa sibiila diimaa warra namoonni ibiddaan gubatan sun dhiheessan fuudhee iddoo aarsaa sana uwwisuuf ni tume; 40 kanas kan godhe akkuma Yihowaan karaa Musee isatti himetti ture. Kunis namni sanyii Aaron keessaa hin taanee fi isaaf hin heyyamamne* kam iyyuu Yihowaa duratti ixaana aarsuuf akka hin dhihaanne,+ akkasumas eenyu iyyuu akka Qoraa fi akka deggertoota isaa akka hin taane Israaʼelota kan yaadachiisu dha.+

  • Hisqiʼel 44:15, 16
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 15 “‘Leewwonni luboota taʼan, jechuunis ilmaan Saadoq+ warri yeroo Israaʼelonni na irraa fagaatanii turanitti+ itti gaafatamummaa iddoo qulqulluu koo irratti qaban raawwachaa turan garuu na tajaajiluuf na duratti ni dhihaatu; coomaa+ fi dhiiga+ naaf dhiheessuufis na dura ni dhaabbatu’ jedha Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan. 16 ‘Isaan iddoo qulqulluu kootti ni seenu, na tajaajiluuf gara maaddii kootti ni dhihaatu,+ itti gaafatamummaa na duratti qabanis ni raawwatu.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi