-
2 Mootota 23:8, 9Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
8 Achiis luboota hunda magaalota Yihudaa keessaa ni baase; Geebaadhaa+ hamma Ber Sheebaatti+ iddoowwan ol kaʼoo luboonni aarsaa aarfamu itti dhiheessan ni salphise. Kana malees, inni iddoowwan ol kaʼoo karrawwanii warra balbala karra Iyyaasuu isa ajajaa magaalattii taʼe bira jiranii fi yommuu namni tokko karra magaalattiitti seenu gara bitaatiin argaman ni diige. 9 Luboonni iddoowwan ol kaʼoo, obboloota isaanii wajjin maxinoo kan nyaatan taʼus, iddoo aarsaa Yihowaa isa Yerusaalem keessa jirutti hin tajaajilan turan.+
-
-
Nahimiyaa 9:34Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
34 Mootonni keenya, bulchitoonni keenya, luboonni keenyaa fi abbootiin keenya Seera kee hin eegne; ajajawwan kee yookiin yaadachiisawwan* kee warra ati ittiin isaan akeekkachiisteefis xiyyeeffannaa hin kennine.
-