LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Isaayyaas 28:7
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    •  7 Namoonni kunis daadhii wayiniitiin kan kaʼe karaa irraa ni goru,

      Dhugaatiin alkoolii isaaniis isaan gatantarsa.

      Lubnii fi raajiin dhugaatii alkooliitiin kan kaʼe karaa irraa ni goru;

      Daadhiin wayinii isaan burjaajessa,

      Dhugaatii alkoolii isaaniitiin kan kaʼes ni gatantaru;

      Mulʼanni isaanii karaa irraa isaan jalʼisa,

      Murtii irrattis ni gufatu.+

  • Ermiyaas 5:31
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 31 Raajonni raajii sobaa dubbatu,+

      Luboonnis aangoo isaaniitiin warra kaan hacuucu.

      Sabni koos kanatti ni gammada.+

      Haa taʼu malee, yommuu dhumni dhufu maal gootu laata?”

  • Ermiyaas 6:13
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 13 “Isa xinnaadhaa hamma isa guddaatti, tokkoon tokkoon isaanii buʼaa sirrii hin taane argachuuf yaalu;+

      Raajicha irraa hamma lubichaatti, tokkoon tokkoon isaanii gowwoomsaa raawwatu.+

  • Hisqiʼel 22:25
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 25 Raajonni ishii akkuma leenca baroodaa wanta adamse cicciruutti ishii keessatti daba qopheessaniiru.+ Isaan namoota* ni nyaatu. Qabeenyaa fi wantoota gatii guddaa qaban ni saamu. Dubartoonni abbaan manaa irraa duʼe ishii keessatti akka baayʼatanis godhaniiru.

  • Sefaaniyaa 3:4
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    •  4 Raajonni ishii addaggee fi gantoota dha.+

      Luboonni ishii wanta qulqulluu taʼe ni xureessu;+

      Isaan seericha ni cabsu.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi