Uumama 26:3 Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa 3 Akka nama biyya ormaa taʼiitii biyya kana keessa jiraadhu;+ biyyoota kana hundumaa sii fi sanyii keetiif waanan kennuuf,+ ani sii wajjin nan taʼa, sin eebbisas; kakaa ani akkana jedhee abbaa kee Abrahaamiif kakadhes nan raawwadha:+ Uumama 28:13 Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa 13 Kunoo, Yihowaan achi irra dhaabbatee ture; innis akkana jedhe: “Ani Yihowaa isa Waaqa abbaa kee Abrahaamii fi Waaqa Yisihaaq taʼe dha.+ Iddoo ciistee jirtu kana sii fi sanyii keetiif nan kenna.+
3 Akka nama biyya ormaa taʼiitii biyya kana keessa jiraadhu;+ biyyoota kana hundumaa sii fi sanyii keetiif waanan kennuuf,+ ani sii wajjin nan taʼa, sin eebbisas; kakaa ani akkana jedhee abbaa kee Abrahaamiif kakadhes nan raawwadha:+
13 Kunoo, Yihowaan achi irra dhaabbatee ture; innis akkana jedhe: “Ani Yihowaa isa Waaqa abbaa kee Abrahaamii fi Waaqa Yisihaaq taʼe dha.+ Iddoo ciistee jirtu kana sii fi sanyii keetiif nan kenna.+