-
Hisqiʼel 22:3, 4Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
3 Akkana jedhi: ‘Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha: “Yaa magaalaa of keessatti dhiiga dhangalaastu,+ ishii yeroon ishii gaʼee+ fi of xureessuuf waaqolii tolfamoo warra balfamoo* taʼan tolchitu nana,+ 4 dhiigni dhangalaaste yakkamtuu si godheera;+ waaqolii tolfamoon kee warri balfamoo taʼanis si xureessaniiru.+ Ati yeroo guyyoonni kee itti xumuraman ariifachiisteetta; dhumni waggoota keetiis gaʼeera. Saboota duratti kan arrabsamtu, biyyoota hundumaa durattis kan itti qoosamu akka taatu kanan si godhu kanaafi.+
-