LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • 2 Mootota 24:3, 4
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 3 Wanti kun akka Yihowaan ajajetti Yihudaa irra ni gaʼe; kunis kan taʼe, cubbuuwwan Minaaseen hojjete hundumaatiin kan kaʼe+ inni Yihudaa of duraa balleessuu waan barbaadeef,+ 4 akkasumas dhiiga qulqulluu inni dhangalaaseen kan kaʼe dha;+ inni dhiiga qulqulluudhaan Yerusaalemiin guutee ture; Yihowaanis dhiifama isaaf gochuuf fedhii hin qabu ture.+

  • Faarfannaa 106:38
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 38 Dhiiga qulqulluu,

      Dhiiga ijoollee dhiiraa fi ijoollee durbaa isaanii

      Warra waaqolii tolfamoo Kanaʼaaniif aarsaa godhan+ sanaa dhangalaasuu isaanii hin dhiisne;+

      Biyyattiinis dhiigaan ni faalamte.

  • Hisqiʼel 23:37
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 37 Isaan ejja* raawwataniiru;+ harka isaanii irras dhiigatu jira. Isaan waaqolii tolfamoo isaanii warra balfamoo taʼanii wajjin ejja raawwachuu qofa utuu hin taʼin, ilmaan isaanii warra anaaf daʼan sanas waaqolii tolfamoo isaaniitiif nyaata akka taʼaniif ibiddaan gubaniiru.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi