-
Hisqiʼel 25:12, 13Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
12 “Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha: ‘Edoom mana Yihudaa irratti haaloo baʼeera; isaan irratti haaloo baʼuudhaanis yakka guddaa of irratti fideera;+ 13 kanaafuu, Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha: “Harka koo Edoom irratti diriirsee namas taʼe horii isa keessaa nan balleessa; isas ona nan godha.+ Isaan Temaan irraa jalqabee hamma Deedaanitti goraadeedhaan ni kufu.+
-
-
Amoos 1:11Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
11 Yihowaan akkana jedha:
‘Fincila Edoom siʼa sadii,+ eeyyee, siʼa afur raawwateen kan kaʼe, ani wantan murteesse hin jijjiiru;
Sababiin isaas, inni obboleessa isaa goraadeedhaan ariʼeera,+
Gara laafina argisiisuus dideera;
Aarii isaatiin garaa jabaatee isaan ciccireera,
Isaanitti dheekkamuu isaas ittuma fufe.+
-
-
Miilkiyaas 1:4Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
4 “Edoom, ‘Nuti caccabneerra; taʼus, ni deebina, isa diigames ni ijaarra’ yoo jedhe illee, Yihowaan Gooftaan Raayyaa akkana jedha: ‘Isaan ni ijaaru, taʼus ani nan diiga; isaanis “naannoo hamminni itti raawwatamuu” fi “saba Yihowaan bara baraaf balaaleffatu” jedhamanii ni waamamu.+
-