LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Isaayyaas 21:11
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 11 Murtii Duumaa* irratti dabarfame:

      Namni tokko Seʼiir irraa na waamee akkana naan jedhe:+

      “Yaa waardiyyaa, bariʼuuf hammamtu hafe?

      Yaa waardiyyaa, bariʼuuf hammamtu hafe?”

  • Hisqiʼel 25:12-14
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 12 “Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha: ‘Edoom mana Yihudaa irratti haaloo baʼeera; isaan irratti haaloo baʼuudhaanis yakka guddaa of irratti fideera;+ 13 kanaafuu, Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha: “Harka koo Edoom irratti diriirsee namas taʼe horii isa keessaa nan balleessa; isas ona nan godha.+ Isaan Temaan irraa jalqabee hamma Deedaanitti goraadeedhaan ni kufu.+ 14 ‘Harka saba koo Israaʼelitti fayyadamee Edoom irratti haaloo nan baʼa.+ Warri Edoom haaloo ani isaan irratti baʼu akka hubataniif, isaan aarii koo fi dheekkamsa koo Edoom irratti ni fidu’+ jedha Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan.”’

  • Yooʼel 3:19
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 19 Gibxiin garuu ni onti,+

      Edoomis lafa onaa ni taati,+

      Sababiin isaas, isaan saba Yihudaa irratti hammina raawwataniiru,+

      Biyya isaa keessattis dhiiga qulqulluu dhangalaasaniiru.+

  • Amoos 1:11, 12
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 11 Yihowaan akkana jedha:

      ‘Fincila Edoom siʼa sadii,+ eeyyee, siʼa afur raawwateen kan kaʼe, ani wantan murteesse hin jijjiiru;

      Sababiin isaas, inni obboleessa isaa goraadeedhaan ariʼeera,+

      Gara laafina argisiisuus dideera;

      Aarii isaatiin garaa jabaatee isaan ciccireera,

      Isaanitti dheekkamuu isaas ittuma fufe.+

      12 Kanaafuu, ani Temaan+ irratti ibidda nan erga,

      Innis masaraawwan Boozraa warra ciccimoo taʼan ni nyaata.’+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi