-
Daaniʼel 2:39, 40Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
39 “Haa taʼu malee, si booda mootummaa kan biraan si irra xinnaatu ni kaʼa;+ achiis mootummaa kan biraan, jechuunis mootummaa sadaffaan inni sibiila diimaa taʼe ni kaʼa, guutummaa lafaa irrattis ni bulcha.+
40 “Mootummaa arfaffaan immoo akkuma sibiilaa cimaa ni taʼa.+ Sababiin isaas, akkuma sibiilli wanta hundumaa caccabsuu fi daakutti, eeyyee, akkuma sibiilli hurreessutti inni isaan kana hundumaa ni caccabsa, ni hurreessas.+
-