-
Daaniʼel 8:23, 24Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
23 “Bulchiinsa isaanii gara xumuraatti warri balleessaa raawwatan balleessaa isaanii guutummaatti yommuu raawwatan, mootiin bifti isaa nama sodaachisuu fi dubbii rakkisaa hubachuu dandaʼu* ni kaʼa. 24 Humni isaa guddaa ni taʼa; garuu, humna ofii isaatiin miti. Inni badiisa adda taʼe* ni geessisa; milkaaʼina ni argata, buʼa qabeessas ni taʼa. Warra jajjaboo taʼanii fi namoota qulqulloota taʼan ni balleessa.+
-
-
Daaniʼel 12:7Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
7 Achiis namichi uffata quncee talbaa irraa tolfame uffatee fi bishaan laga sanaa gubbaa jiru harka isaa mirgaa fi harka isaa bitaa gara samiitti ol kaasee Waaqa isa bara baraaf jiraatuun+ kakatee akkana jedhee yommuu deebisu nan dhagaʼe: “Bara murteeffame, baroota murteeffamanii fi walakkaa baraatu* darba. Akkuma isaan humna saba qulqulluu caccabsanii xumuraniin+ wantoonni kun hundi ni raawwatamu.”
-