-
Abbootii Murtii 20:4-6Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
4 Yeroo kanatti namichi Leewwii+ inni abbaa manaa dubartii ajjeefamte sanaa taʼe akkana jedhee deebise: “Achi buluuf saajjatoo tiyyaa wajjin gara Gibeʼaa+ ishii kan Biiniyaam taate sanaa dhaqeen ture. 5 Achiis jiraattonni* Gibeʼaa na irratti kaʼanii halkaniin manichatti marsan. Isaan na ajjeesuuf yaadanii turan; taʼus, saajjatoo tiyya dirqisiisanii gudeedan; ishiinis ni duute.+ 6 Kanaafuu, ani reeffa saajjatoo tiyyaa fuudheen kukkute; achiis gara dhaala Israaʼel hundumaatti nan erge;+ kana kanan godhe, isaan Israaʼel keessatti gocha qaanessaa fi gocha salphinaa waan raawwataniifi.
-