-
Isaayyaas 11:11, 12Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
11 Guyyaa sanatti Yihowaan, yeroo lammaffaadhaaf saba isaa warra hafan kanneen Asoor,+ Gibxii,+ Phaatros,+ Kuush,+ Eelaam,+ Shinaar,* Hamaatii fi odolawwan galaanaa irraa oolan deebifachuuf ammas harka isaa ni diriirsa.+ 12 Inni sabootaaf mallattoo* ni dhaaba; Israaʼel keessaa warra bittinnaaʼan walitti ni qaba;+ Yihudaa keessaa warra faffacaʼanis golee lafaa arfan irraa walitti ni qaba.+
-
-
Isaayyaas 43:5, 6Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
5 Ani sii wajjin waanan jiruuf, hin sodaatin.+
Sanyii kee baha irraa nan fida,
Dhiha irraas walitti isin nan qaba.+
6 Ani kaabaan, ‘Isaan gadhiisi!’ nan jedha.+
Kibbaanis akkana nan jedha: ‘Isaan hin qabatin.
Ilmaan koo fagoo irraa, ijoollee durbaa koos andaara lafaa irraa fidi;+
-
Ermiyaas 23:7, 8Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
7 Yihowaan akkana jedha: “Haa taʼu malee, kana booda guyyaan isaan, ‘Yihowaa isa jiraataa taʼe, isa saba Israaʼel biyya Gibxii keessaa baaseen nan kakadha!’ itti hin jenne ni dhufa;+ 8 kanaa mannaa isaan, ‘Yihowaa isa jiraataa taʼe, isa sanyii mana Israaʼel biyya kaabaa fi biyyoota itti isaan faffacaasee ture hundumaa keessaa baasee fideen nan kakadha!’ jedhu; isaan biyyuma isaanii keessa ni jiraatu.”+
-
-
-