-
Obaadiyaa 19, 20Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
19 Isaan Negeebii fi naannoo gaarotaa Esaawu,
Shefelaa fi biyya Filisxeemotaa ni dhaalu.+
Isaan lafa Efreemii fi lafa Samaariyaa ni dhaalu,+
Biiniyaamis Giiliyaadiin ni dhaala.
20 Lafti Kanaʼaanotaa hamma Saraaptaatti+ kan warra dallaa ittisaa kana keessaa boojuudhaan fudhatamanii,+
Jechuunis kan saba Israaʼel ni taʼa.
Warri Yerusaalem keessaa boojiʼamanii fi Sefaaraad keessa turan magaalota Negeeb+ ni dhaalu.
-