LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Ermiyaas 39:5-7
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 5 Haa taʼu malee, Kaladoonni isaan duukaa buʼanii dirree gammoojjii Yerikoo keessatti Zedeeqiyaa bira gaʼan.+ Achiis isa qabanii gara Nebukadnezaar* mootii Baabilon isa biyya Hamaat+ keessatti Riblaatti+ argamutti ol isa fidan; innis achitti isa irratti murtii ni dabarse. 6 Mootiin Baabilon ilmaan Zedeeqiyaa ijuma isaa duratti Riblaatti ni gorraasise; guguddoota Yihudaa hundumaas ni gorraasise.+ 7 Ija Zedeeqiyaa erga jaamsee boodas, hidhaa sibiila diimaatiin isa hidhee gara Baabilonitti geesse.+

  • Daaniʼel 5:18, 19
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 18 Yaa mootii, Waaqni Inni Hundaa Olii Nebukadnezaar abbaa keetiif mootummaa, guddina, kabajaa fi ulfina kennee ture.+ 19 Guddina inni isaaf kenneen kan kaʼe uummanni, saboonnii fi namoonni qooqa garaa garaa dubbatan hundi sodaadhaan isa duratti ni romʼu turan.+ Inni nama barbaade ni ajjeesa yookiin lubbuudhaan ni dhiisa, nama barbaadeef ulfina ni kenna yookiin ni salphisa ture.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi