-
2 Seenaa Baraa 33:14Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
14 Sana booda Giyoon+ ishii sululicha keessatti argamtu irraa gara dhihaatii jalqabee hamma Karra Qurxummiitti+ karaa alaatiin Magaalaa Daawitiif+ dallaa baayʼee dheeraa taʼe ni ijaare; dallichis magaalattiitti marsee Ofeel+ bira gaʼa ture. Dabalataanis magaalota Yihudaa warra dallaa dhagaa qaban hundumaa keessatti ajajjoota raayyaa waraanaa ni muude.
-
-
Nahimiyaa 12:38, 39Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
38 Gareen faarfattootaa galata dhiheessu inni kan biraan immoo kallattii kan biraatiin* deeme; anis walakkaa sabichaa wajjin garee sana duukaa buʼee dallicha irra deemuudhaan Masaraa Iddoo Ibiddaa+ bira darbee gara Dallaa Balʼaatti+ nan deeme; 39 achiis, Karra Efreem+ bira darbee gara Karra Magaalaa Duriitti,+ achiis gara Karra Qurxummiitti,+ gara Masaraa Hanaanʼel,+ gara Masaraa Meʼaa fi gara Karra Hoolotaatti+ nan deeme; isaanis Karra isa kan Eegduu bira yommuu gaʼan ni dhaabbatan.
-