-
2 Mootota 23:26Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
26 Haa taʼu malee, wantoota hamoo Minaaseen isa dheekkamsiisuuf raawwate hundumaatiin kan kaʼe, Yihowaan aarii isaa isa Yihudaa irratti bobaʼe irraa hin deebine ture.+
-
-
2 Seenaa Baraa 36:16, 17Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
16 Isaan garuu hamma dheekkamsi Yihowaa saba isaa irratti dhufuttii+ fi hamma fayyinni isaaniif dhabamutti ergamtoota Waaqa dhugaatti ni qoosu,+ dubbii isaa ni tuffatu,+ raajota isaattis ni qoosu+ turan.
17 Kanaan kan kaʼes, inni mootii Kaladootaa+ isaanitti ni erge; innis dargaggoota isaanii mana qulqullummaa isaanii+ keessatti goraadeedhaan ni ajjeese;+ dargaggeessaaf yookiin durbaaf, maanguddoodhaaf yookiin isa dadhabaadhaaf garaa hin laafne.+ Waaqayyos wanta hundumaa harka isaatti dabarsee kenne.+
-
-
Ermiyaas 23:20Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
20 Yihowaan hamma fedhii garaa isaa raawwatuttii fi fiixaan baasutti,
Dheekkamsi isaa duubatti hin deebiʼu.
Guyyoota dhumaatti kana sirriitti ni hubattu.
-