LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Izraa 3:8
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 8 Isaan gara mana Waaqa dhugaa isa Yerusaalemitti argamuu dhufanii waggaa lammaffaa isaatti, waggicha keessaa jiʼa isa lammaffaatti Zarubaabel ilmi Saalaatiʼel, Yeshuwaan ilmi Yehozaadaaqii fi obboloonni isaanii warri kaan, luboonnii fi Leewwonni, akkasumas warri boojuudhaa deebiʼanii+ gara Yerusaalemitti dhufan hundi hojicha ni jalqaban; isaanis hojii mana Yihowaatti hojjetamu ol aantummaadhaan akka toʼataniif Leewwota umuriin isaanii waggaa 20 fi isaa ol taʼe ni muudan.

  • Izraa 3:10
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 10 Ijaartonni yommuu buʼuura mana qulqullummaa Yihowaa kaaʼanitti,+ luboonni uffata isaanii uffatan malakataan,+ Leewwonni warri ilmaan Asaaf taʼan immoo siimbaaliidhaan* akka qajeelfama Daawit mootiin Israaʼel kennetti+ Yihowaa jajachuuf ni dhaabbatan.

  • Izraa 5:14
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 14 Kana malees, Qiiros Mootichi miʼawwan warqii fi meetii mana Waaqayyoo warra Nebukadnezaar mana qulqullummaa Yerusaalem keessaa fudhatee mana qulqullummaa Baabilonitti geesse+ sana mana qulqullummaa Baabilon keessaa ni baase. Miʼawwan kunis namicha Sheshbaazaar*+ jedhamuu fi Qiiros bulchaa+ isa godhetti kennamanii turan.

  • Izraa 5:16
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 16 Achiis Sheshbaazaar kun dhufee buʼuura mana Waaqayyoo isa Yerusaalem keessatti argamu ni kaaʼe;+ manichi yeroo sanaa jalqabee hamma ammaatti ijaaramaa kan jiru taʼus hin xumuramne.’+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi