LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Leewwota 26:14-17
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 14 Haa taʼu malee, isin na dhagaʼuu yookiin ajajawwan koo kana hundumaa eeguu yoo diddan,+ 15 dambiiwwan koo yoo tuffattan,+ heerawwan koo jibbuudhaan ajajawwan koo hundumaa eeguu yoo diddanii fi kakuu koo yoo cabsitan,+ 16 ani immoo wantoota kana isin irratti nan raawwadha: Dhiphinaan, daranyoo sombaatiin, akkasumas dhaqna gubaa cimaadhaan isin adabee ijji keessan akka dadhabuu fi lubbuun keessan akka dhumu nan godha. Diinota keessantu isa nyaata waan taʼeef, isin akkanumaan sanyii keessan facaaftu.+ 17 Ani fuula koo isinitti nan gurraachessa; isinis diinota keessaniin ni moʼamtu;+ warri isin jibban isin irra ejjetu;+ isinis eenyu illee utuu isin hin ariʼin ni baqattu.+

  • Keessa Deebii 28:15
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 15 “Haa taʼu malee, ajajawwanii fi dambiiwwan isaa warra ani harʼa si ajaju kana hundumaa eeguu dhiisuudhaan sagalee Waaqa kee Yihowaa dhagaʼuu yoo didde, abaarsawwan kun baayʼinaan si irra ni gaʼu:+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi