-
Luqaas 6:22, 23Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
22 “Sababii Ilma namaatiin yommuu namoonni isin jibban,+ yommuu of gidduudhaa isin baasan,+ yommuu isin arrabsanii fi yommuu hamoota akka taatan godhanii maqaa keessan balleessan gammadaa. 23 Badhaasni isin samii irratti argattan guddaa waan taʼeef, guyyaa sanatti gammadaa, ililchaas; sababiin isaas, abbootiin isaanii iyyuu raajota irratti wantuma akkanaa raawwatu turan.+
-