-
Maarqos 2:18-20Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
18 Barattoonni Yohaannisii fi Fariisonni ni soomu turan. Kanaafuu, isaan gara isaa dhufanii, “Barattoonni Yohaannisii fi barattoonni Fariisotaa kan sooman, barattoonni kee garuu kan hin soomne maaliifi?”+ jedhanii isa gaafatan. 19 Yesuusis akkana isaaniin jedhe: “Michoonni misirrichaa utuu misirrichi+ isaanii wajjin jiruu sababii itti soomaniif qabuu? Hamma misirrichi isaan bira jirutti soomuu hin dandaʼan. 20 Garuu guyyaan misirrichi isaan irraa itti fudhatamu ni dhufa;+ isaan guyyaa sanatti ni soomu.
-
-
Luqaas 5:33-35Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
33 Isaanis, “Barattoonni Yohaannisii fi barattoonni Fariisotaa yeroo baayʼee ni soomu, wawwaannaas ni dhiheessu; barattoonni kee garuu ni nyaatu, ni dhugus”+ isaan jedhan. 34 Yesuusis akkana isaaniin jedhe: “Michoonni misirrichaa utuu misirrichi isaanii wajjin jiruu akka sooman gochuu ni dandeessuu? 35 Garuu guyyaan misirrichi+ isaan irraa itti fudhatamu ni dhufa; isaan guyyaa sanatti ni soomu.”+
-