-
Luqaas 7:24-28Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
24 Namoonni Yohaannis erge sun erga deemanii booda, Yesuus namoota hedduu achi jiranitti waaʼee Yohaannis akkana jedhee dubbachuu jalqabe: “Gara lafa onaa maal ilaaluuf dhaqxan? Shomboqqoo qilleensi raasuu?+ 25 Maarree maal ilaaluuf dhaqxan? Nama uffata baʼeessa uffatee?+ Namoonni uffata bareedaa uffatanii fi jireenya qananii jiraatanoo mana moototaa keessa jiru. 26 Maarree maal ilaaluuf dhaqxan? Raajii ilaaluufii? Eeyyee, ani isinitti nan hima, inni raajii irra iyyuu kan caalu dha.+ 27 Inni isa waaʼeen isaa ‘Kunoo, ani ergamaa koo si dura* nan erga, inni si dura buʼee karaa siif ni qopheessa’+ jedhamee barreeffame sana dha. 28 Ani isinitti nan hima, namoota dubartii irraa dhalatan keessaa Yohaannis irra kan caalu hin jiru; namni Mootummaa Waaqayyoo keessatti hundumaa irra xinnaa taʼe garuu isa ni caala.”+
-