LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Maatewos 11:7-11
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 7 Barattoonni Yohaannis erga achii deemanii booda, Yesuus namoota hedduu achi jiranitti waaʼee Yohaannis akkana jedhee dubbachuu jalqabe: “Gara lafa onaa maal ilaaluuf dhaqxan?+ Shomboqqoo qilleensi raasuu?+ 8 Maarree maal ilaaluuf dhaqxan? Nama uffata baʼeessa uffatee? Namoonni uffata baʼeessa uffatanoo mana moototaa keessa jiru. 9 Maarree maaliif achi dhaqxan? Raajii ilaaluufii? Eeyyee, ani isinitti nan hima, inni raajii irra iyyuu kan caalu dha.+ 10 Inni isa waaʼeen isaa, ‘Kunoo, ani ergamaa koo si dura* nan erga, inni si dura buʼee karaa siif ni qopheessa!’+ jedhamee barreeffame sana dha. 11 Dhuguman isinitti hima, namoota dubartii irraa dhalatan keessaa Yohaannis Cuuphaa irra kan caalu tokko illee hin kaane; namni Mootummaa samii keessatti hundumaa irra xinnaa taʼe garuu isa ni caala.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi