LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Maarqos 6:14
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 14 Yeroo kanatti maqaan Yesuus balʼinaan beekamee waan tureef, Heroodis Mootichi waaʼee kanaa ni dhagaʼe; namoonnis, “Yohaannis Cuuphaan duʼaa kaʼeera; dinqiiwwan kana hojjechaa kan jiru kanaafi”+ jedhu turan.

  • Luqaas 9:7-9
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 7 Heroodis* bulchaan koonyaa* waaʼee wantoota raawwatamaa jiran hundumaa ni dhagaʼe; namoonni tokko tokko Yohaannis duʼaa akka kaʼe dubbachaa waan turaniif akka malee burjaajaʼe;+ 8 warri kaan garuu, Eeliyaas akka mulʼate dubbatu; kaan immoo, raajota durii keessaa inni tokko akka kaʼe dubbatu turan.+ 9 Heroodisis, “Ani Yohaannisiin morma isaa isa irraa kuchisiiseera.+ Maarree namni ani waaʼee isaa wantoota akkanaa dhagaʼu kun eenyu?” jedhe. Kanaan kan kaʼes, inni isa arguu barbaada ture.+

  • Hojii Ergamootaa 4:27
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 27 Dhuguma iyyuu Heroodisii fi Phonxiyos Philaaxos+ sabootaa fi namoota Israaʼelii wajjin magaalaa kana keessatti walitti qabamuudhaan, tajaajilaa kee Yesuus isa qulqulluu isa ati dibde irratti yeroo kaʼanitti wantoonni kun raawwatamaniiru;+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi