-
Maatewos 14:1-5Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
14 Yeroo sana Heroodis bulchaan koonyaa,* waaʼee Yesuus dhagaʼee,+ 2 tajaajiltoota isaatiin, “Kun Yohaannis Cuuphaa dha. Inni duʼaa kaʼeera; dinqiiwwan kana hojjechaa kan jiru kanaafi”+ jedhe. 3 Heroodis* sababii Heroodiyaas haadha manaa obboleessa isaa Filiphoosiin kan kaʼe, Yohaannisiin qabee hidhuudhaan mana hidhaa galchee ture.+ 4 Sababiin isaas, Yohaannis, “Ati ishii akka fuutu seerri siif hin heyyamu”+ isaan jedha ture. 5 Kanaafuu, Heroodis isa ajjeesuu kan barbaadu taʼus, namoonni Yohaannisiin akka raajiitti+ waan ilaalaniif isaan sodaate.
-
-
Luqaas 9:7-9Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
7 Heroodis* bulchaan koonyaa* waaʼee wantoota raawwatamaa jiran hundumaa ni dhagaʼe; namoonni tokko tokko Yohaannis duʼaa akka kaʼe dubbachaa waan turaniif akka malee burjaajaʼe;+ 8 warri kaan garuu, Eeliyaas akka mulʼate dubbatu; kaan immoo, raajota durii keessaa inni tokko akka kaʼe dubbatu turan.+ 9 Heroodisis, “Ani Yohaannisiin morma isaa isa irraa kuchisiiseera.+ Maarree namni ani waaʼee isaa wantoota akkanaa dhagaʼu kun eenyu?” jedhe. Kanaan kan kaʼes, inni isa arguu barbaada ture.+
-