LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Maarqos 10:13-16
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 13 Namoonni akka inni isaan qaqqabuuf ijoollee xixinnoo gara isaatti fiduu jalqaban; barattoonni garuu isaanitti dheekkaman.+ 14 Yesuus yeroo kana argu aaree akkana isaaniin jedhe: “Mootummaan Waaqayyoo warra akkanaatiif waan taʼeef, ijoollee xixinnoon gara koo haa dhufan, isaan dhowwuuf hin yaalinaa.+ 15 Dhuguman isiniin jedha, namni Mootummaa Waaqayyoo akka mucaa xinnoo tokkootti hin simanne kam iyyuu matumaa itti hin galu.”+ 16 Inni ijoollee sana ni hammate; harka isaa isaan irra kaaʼees+ isaan eebbise.

  • Luqaas 18:15-17
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 15 Akka inni isaan qaqqabuufis namoonni daaʼimman gara isaatti fidan; barattoonni isaa garuu yommuu kana argan isaanitti dheekkamuu jalqaban.+ 16 Haa taʼu malee, Yesuus daaʼimman sana ofitti waamee akkana jedhe: “Mootummaan Waaqayyoo warra akkanaatiif waan taʼeef,+ ijoollee xixinnoon gara koo haa dhufan, isaan dhowwuuf hin yaalinaa. 17 Dhuguman isiniin jedha, namni Mootummaa Waaqayyoo akka mucaa xinnoo tokkootti hin simanne kam iyyuu matumaa itti hin galu.”+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi