LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Maatewos 19:13-15
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 13 Achiis harka isaa akka isaan irra kaaʼuu fi akka isaaniif kadhatuuf namoonni ijoollee xixinnoo gara Yesuus ni fidan; barattoonni isaa garuu isaanitti dheekkaman.+ 14 Taʼus Yesuus, “Mootummaan samii warra akkanaatiif waan taʼeef, ijoollee xixinnoon gara koo haa dhufan, dhiisaa, isaan dhowwuuf hin yaalinaa”+ jedhe. 15 Achiis harka isaa erga isaan irra kaaʼee booda, bakka sanaa ni deeme.

  • Maarqos 10:13-16
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 13 Namoonni akka inni isaan qaqqabuuf ijoollee xixinnoo gara isaatti fiduu jalqaban; barattoonni garuu isaanitti dheekkaman.+ 14 Yesuus yeroo kana argu aaree akkana isaaniin jedhe: “Mootummaan Waaqayyoo warra akkanaatiif waan taʼeef, ijoollee xixinnoon gara koo haa dhufan, isaan dhowwuuf hin yaalinaa.+ 15 Dhuguman isiniin jedha, namni Mootummaa Waaqayyoo akka mucaa xinnoo tokkootti hin simanne kam iyyuu matumaa itti hin galu.”+ 16 Inni ijoollee sana ni hammate; harka isaa isaan irra kaaʼees+ isaan eebbise.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi