LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Baʼuu 12:14
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 14 “‘Guyyaan kun yaadannoo isiniif ni taʼa; guutummaa dhaloota keessanii keessattis akka ayyaana Yihowaatti isa kabajaa. Akka dambii dhaabbataatti isa kabajaa.

  • Maarqos 14:1, 2
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 14 Ayyaanni Faasikaa+ fi Ayyaanni Maxinoo+ guyyaa lama booda kabajama ture.+ Dura buutonni lubootaa fi barsiisonni seeraa* karaa haxxummaadhaan isa qabanii itti ajjeesan barbaadaa turan;+ 2 sababiin isaas isaan, “Uummaticha gidduutti jeequmsi uumamuu waan dandaʼuuf, yeroo ayyaanichaatti taʼuu hin qabu” jedhu turan.

  • Luqaas 22:1, 2
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 22 Ayyaanni Maxinoo inni Faasikaa+ jedhamu dhihaatee ture.+ 2 Dura buutonni lubootaa fi barsiisonni seeraa namoota waan sodaataniif, Yesuusiin ajjeesuuf+ karaa mijaaʼaa taʼe barbaadaa turan.+

  • Yohaannis 13:1
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 13 Ayyaana Faasikaa dura, Yesuus saʼaatiin inni addunyaa kana dhiisee gara Abbaa itti dhaqu+ gaʼuu isaa waan beekeef,+ warra addunyaa keessa jiran, warra kan isaa taʼanii fi jaallachaa ture sana hamma dhumaatti ni jaallate.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi