LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Maarqos 14:12-16
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 12 Guyyaa jalqabaa Ayyaana Maxinootti+ akkuma barame yeroo aarsaa Faasikaa dhiheessanitti,+ barattoonni isaa, “Faasikaa+ akka nyaattu dhaqnee eessatti akka sii qopheessinu barbaadda?” isaan jedhan. 13 Innis akkana isaaniin jedhee barattoota isaa lama erge: “Gara magaalaa dhaqaa, namichi okkotee bishaanii baate tokko isinitti dhufa. Isa duukaa buʼaa;+ 14 mana namichi itti seenu dhaqaatii abbaa manichaatiin, ‘Barsiisaan, “Kutaan keessummaa ani barattoota koo wajjin Faasikaa itti nyaadhu eessa?” jedheera’ jedhaa. 15 Innis kutaa balʼaa fooqii irraa wanta barbaachisuun guutame isinitti argisiisa. Achitti nuuf qopheessaa.” 16 Kanaafuu, barattoonni ni deeman; magaalattiitti seenaniis akkuma inni isaaniin jedhe taʼee argan; Faasikaas ni qopheessan.

  • Luqaas 22:7-13
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 7 Guyyaan Ayyaana Maxinoo aarsaan Faasikaa itti dhihaatu ni gaʼe;+ 8 Kanaafuu Yesuus, “Dhaqaa, Faasikaa akka nyaannuuf nuu qopheessaa”+ jedhee Pheexirosii fi Yohaannisiin erge. 9 Isaanis, “Eessatti akka qopheessinu barbaadda?” isaan jedhan. 10 Innis akkana isaaniin jedhe: “Kunoo, gara magaalaatti yommuu seentan namichi okkotee bishaanii baate tokko isinitti dhufa. Isa duukaa buʼaatii mana namichi itti seenu sana dhaqaa.+ 11 Abbaa manichaatiinis, ‘Barsiisaan, “Kutaan keessummaa ani barattoota koo wajjin Faasikaa itti nyaadhu eessa?” siin jedheera’ jedhaa. 12 Namichis kutaa balʼaa fooqii irraa wanta barbaachisuun guutame isinitti argisiisa. Achitti qopheessaa.” 13 Kanaafuu, isaan deemanii akkuma inni isaaniin jedhe taʼee argan; Faasikaas ni qopheessan.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi