-
Maatewos 26:17-19Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
17 Guyyaa jalqabaa Ayyaana Maxinootti*+ barattoonni Yesuus gara isaa dhufanii, “Faasikaa akka nyaattu eessatti akka siif qopheessinu barbaadda?”+ isaan jedhan. 18 Innis akkana isaaniin jedhe: “Gara magaalaa dhaqaatii nama abalu jedhamuun, ‘Barsiisaan, “Yeroon koo inni murteeffame dhihaateera; barattoota koo wajjin Ayyaana Faasikaa mana keettan kabaja” jedheera’ jedhaa itti himaa.” 19 Kanaafuu, barattoonni akkuma Yesuus isaan ajaje godhan; Faasikaas ni qopheessan.
-