LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Maarqos 14:37-42
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 37 Gara isaaniitti yommuu deebiʼus rafanii isaan argee Pheexirosiin akkana jedhe: “Simoon, rafaa jirtaa? Saʼaatii tokkoof illee dammaqxee eeguu hin dandeenyee?+ 38 Qorumsatti akka hin galleef+ dammaqaa eegaa, kadhachuu keessanis itti fufaa. Dhugaa dha, hafuurri qophaaʼaa dha;* foon garuu dadhabaa dha.”+ 39 Ammas achi deemee waanuma dura kadhate sana irra deebiʼee kadhate.+ 40 Ammas deebiʼee yeroo dhufu hirribni isaan qabee* waan tureef rafanii isaan arge; kanaafuu, isaan waan isaaf deebisan wallaalan. 41 Yeroo sadaffaadhaaf deebiʼee dhufees akkana isaaniin jedhe: “Yeroon kun yeroo itti raftanii fi yeroo itti boqottan miti! Ni gaʼa! Saʼaatichi gaʼeera!+ Kunoo, Ilmi namaa harka cubbamootaatti dabarfamee kennamuuf jedha. 42 Kaʼaa, haa deemnu. Kunoo, inni dabarsee na kennu dhihaateera.”+

  • Luqaas 22:45
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 45 Kadhannaa isaa xumuree yommuu gara barattoota isaa dhaqus, isaan gadda irraa kan kaʼe waan dadhabaniif rafanii isaan arge.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi